Jiraattoonni magaalaa Hawaasaa guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa guddicha marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu gammachuu qaban ibsan

73

Finfinnee, Adooleessa 14/2013 (TOI) – Jiraattoonni magaalaa Hawaasaa guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu sababeeffachuun gammachuu qaban hiriira ba’uun ibsataniiru.

Jiraattoonni naannoo Sidamaa bakkeewwan adda addaa irraa walitti dhufanii fi kutaa hawaasaa hundaa keessa walittii dhufaan kunneen gochaa garee shororkeessaa ABUT's hiriraa kana irratti balaaleeffataniiru.

Tokkummaa Itoophiyaa irratti qoramata ta'aa kan jiru garee shororkeessaa kana yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf Rayyaa Ittisa biyyaa waliin hiruuru isaaniis himaniiru.

Hiriraa kanarratti kaneen hirmaatan dhaadannoowwan qormaatawwan nu mudataan darbuun ibdii fuula keenya dura jiru o'ifachuuf ni hojjenna, Qochollaa ABUT ni injifanna, Biyyoonni dhihaa harka keessan Itoophiyaarra kaasaa, Ummaanni Tigiraay deeggartoota keenya, ABUT diina keenyaa kan jedhan qabataniitu bahan.

Hirira addababaayii Barkumee magaalaa Hawaasaatti adeemsifame kanarratti Pireezidaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Lendeemoo fi hoggantoonni biroon argamuu rippoortarri Tajaajila Oduu Itoophiyaa bakkichatti argamuun gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015