‘’Daa’imman waraanaaf hiriirsuun duudhaa Itoophiyummaa kan cabsee fi gama amantinis kan balaaleeffatamuudha’’- Hordooftoota Amantaa Islaamaa.

104

Finfinnee,Adoolessa 13/2013(TOI)- Daa’imman dirree waraanaatti hiriirsuun duudhaa Itoophiyummaarraa kan maqee fi gama amantiinis gocha balaaleeffatamudha jedhan Hordooftoonni Amantaa Islaamaa.

Naamoonni Yaada isaanii Tajaajila oduu Itoophiyaaf kennan akka himanitti, gareen shororkeessaa daa’imman duudhaa amantummaa fi seera idil- addunyaa karaa cabsuun waraanaaf hiriirsunsaa akka isaan gaddisiise himaniiru.

Daa’imman amantiin,barnootaanii fi naamusa gaarii cimsuun sadarkaa gaariirra dhaqqabsiisuun biyya akka dhaalan gochuu osoo barbaachuu gocha badii akkasii irratti akka hirmaatan taasisuun kan balaaleeffatamudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015