Oromiyaan qabeenya madda galiitiin bu’uura biyyaa waan taateef duguugnee itti fayyadamuun dhimma ijoodha- Pirezidaanti Lammaa Magarsaa.

59

Finfinnee Bitooteessa 14/2011 - Oromiyaan qabeenya madda galiitiin bu’uura biyyaa waan taateef duguuganii  itti fayyadamuun dhimma ijoo akka ta'e ibsame.

Sagantaa Sirna baniinsaa gibiraa fi taaksii waggaa tokkoof  turu irratti argamanii kallattii hojii kan kennan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa akka jedhanitti,  Oromiyaan bal’oo qofa osoo hin ta’iin madda gabaa bal’aa kan qabduu fi daldaltoonni hedduun kan keessatti argamaniidha.

Haa ta’uu malee galii gibiraa fi taaksii sirnaan duguuguudhaan itti hin fayyadamne.

Misooma naannichaa guddisuuf galii naannichi maddisiisu guddisuun hundaa ol murteessadha kan jedhan pirezidaanti Lammaan , kafaltoonni gibiraa kana hubatanii galii argatan irraa biyya isaanitiif galchuun guddina misoomaa bu’uuratiif qooda isaanii gumaachuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

 Daldaltoonni gibiraa fi taaksii kaffalan mootummaa irraa tajaajila si’ataa fi qulqulina qabu barbaadu waan ta’eef mootummanis gama isaatiin fedhii fi faayidaa kaffaltoota gibiraa fi taaksii guutuf gurmaa’insa diriirsuun cimee hojjataa akka jiru himaniiru.

Qaamni hunduu wal  ta’uudhaan daldaltoota gibiraa fi taaksii dhoksan saaxiluun galiin biyyaaf galuu malu harcaatii malee akka sassaabamu hunduu qooda isaa bahuu akka qabu Pirezidanti Lammaan dhaamaniiru.

Daldaltoota gibiraa fi taaksii mootummaan isaanirraa barbaadu haqa qabeessa fi amanamummaadhaan kaffalan pirezidaanti Lammaan galateeffataniiru

Madda-BDHKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015