Jijjiiramichi dirree siyaasaa bal'isullee namoonni siyaasaa jijjiiramicha waliin deemuu hin dandeenye-namoota yada kennan

61

Finfinnee Bitootessa 14/2011 Jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti jalqabame dirree siyaasaa kan bal'ise ta'ullee namoonni siyaasaa jijjiiramicha waliin deemuu akka hin dandeenye namoonni tajaajila oduu itiyoophiyaatiif yaadasaanii kennan ibsan.

Waajjirri ministira muummee waltajjii mata duree "maree haaraa" jedhuun qopheessee fi guyyoota lamaaf adeemsifamerratti kan hirmaatan dura taa'aan paartii 'Andinnat' duraanii Girmaa Seefuu akka jedhanitti, jijjiiramichi dirreen siyaasaa akka bal'atu gumaacheera.

Namoonni siyaasaa dirree uumametti sirnaan fayyadamuudhaan jijjiiramicha itti fufsiisuuf qophii gochuu akka qaban ibsaniiru.

Wayita ammaa gaaffiiwwan eenyummaa fi daangaa dirreen siyaasaa bal'achuun wal qabatee akka ta'e kan ibsan obbo Girmaan, gaaffiiwwan kunneen garuu yeroo isaanii kan eeggatan miti jedhaniiru.

Hirmaattota keessaa Dr. Tasfaayee Kaasaa gamasaaniitiin, adeemsi jijjiiramaa jalqabame dhaloota dhufuuf dabarsuuf hayyoonnii fi lammiileen hundi akka wal ta'an gaafataniiru.

Akka ibsa Dr. Tasfaayeetti, kanaan dura hooggantoonni Itiyoophiyaa keessa turan biyya bitaa kan turan humnaa fi waraanaan yoo ta'u, daandiin ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hordofan garuu kanaa aladha.

Seenaa Siyaasaa Itiyoophiyaatiin yeroowwan jijjiiramni mootummaa taasifame keessatti jijjiiramni amma jiru onneerraa kan madde waan ta'eef adda isa taasisa jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa dirree siyaasaa uumametti fayyadamanii jijjiiramichi akka itti fufu cimanii hojjechuu akka qaban kan eeran obbo Girmaan, dadhabina paartii biyya bulchuutiin osoo hin ta'iin paartileen siyaasaa hojii barbaachisu  yoo hin hojjenne jijjiiramichi duubatti deebi'uu akka danda'u yaaddoo qaban ibsaniiru.

Qorataan siyaas-dinagdee Dr. Diimaa Nagawoo gamasaaniitiin wayita ammaa jijjiiramni Itiyoophiyaa keessa jiru gufuunkan itti baay'atu ta'us duubatti deebi'uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

jijjiirama wliin wal qabatee gufuuwwan keessoo hamaa akka ta'an kan ibsan Dr. Diimaan, gufuuwwan kanneen hiikuuf yeroon kennamuufii akka hin qabne dubbataniiru.

Akka ibsa Dr. Diimaatti jijjiiramni amma jiru gaaffiiwwan demokiraasii, mirgaa, sabaa fi afaanii waggoota 50 darbanii kaasee turanii fi baraa bartti cehaa dhufanidha.

Jijjiirama jalqabame itti fufsiisuuf paartii biyya bulchuun alatti filannoon biraa akka hin jirre kan ibsan Dr. Diimaan jijjiirama waliin wal qabatee gufuu paartii keessatti mul'atu fala argachuu qaba jedhaniiru.

Waltajjiin maree waajjira ministira muummeetti kaleessa jalqabame mata dureewwan" seenaa kaleessaa adeemsa demokiraasii Itiyoophiyaa fi gufuuwwan amma mul'atan" akkasumas " imaammata dhimma biyya alaa Itiyoophiyaa fi  jedhan irratti mariin adeemsifameera.

Waltajjichi ha'as kan itti fufe yoo ta'u, "dinagdee Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, hojii uumuu fi hirmaachisa hawaasaa" akkasumas mata dureewwan "Itiyoophiyaatti ijaarsa sirna demokiraasii gufuuwwanii fi kallattii fuula duraa" irratti mariin taasifamaa tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015