Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumurame hidhicharra yaa'uu jalqabeera.

59

Finfinnee, Adooleessa 12/2013 (TOI) – Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu fiixee hidhichaarra bishaan dhangala'uu jalqabuu ibsameera.

Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa Marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu Ministirri Ministeera Bishaan,Jallisii fi Iinarsjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.Dooktar Injiinar Silashiin yeroo ammaa Bishaan sammuu Hidhichaarraan dhangala’uu eegaluu himaniiru.

Ammaan booda Tarbaayinoonni lama anniisaa maddisuu ni danda’u jedhan.Hidhi yeroo ammaa bishaan Tarbaayinoota lama sochoosuu danda’u kuuffachuu Fuula Tiwiitarii isaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015