Ogeessota Fayyaa weerara koovid -19 fi kenniinsa tajaajila Fayyaa bu'uurarratti gahee olaanaa bahaa turaniif sirna beekamtii fi galateeffannaa qophaa'e - Ministeerri Eegumsa Fayyaa

51

Finfinnee Adoolessa 08/2013(TOI) -Ministeerri Eegumsa Fayyaa ogeessota fi hojjattoota Fayyaa weerara koovid -19 fi kenniinsa tajaajila Fayyaa bu'uurarratti gahee olaanaa bahaa turaniif torbee sirna beekamtii fi galateeffannaa qopheessuu beeksise.

Sirni galateeffannaa fi beekamtii akka biyyaalessaatti Adoolessaa 11 hanga 17 ta'a jedhan Ministirri Eegumsa Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa.

Ogeessotni fi hojjattootni Fayyaa erga weerarri vaayirasii koronaa Itoophiyaa seenee kaasanii halkanii fi guyyaa ummataa baraaruuf hojjataa jiraachuu kaasuun gootota Fayyaa kanneeniif ulfinatu barbaachisaa jedhan.

Ibsa har'a midiyaaleedhaaf paarkii Inxooxxoo bakka Soodduu ogeessota Fayyaa biratti kennaniin sirni beekamtii kun akka biyyaalessaatti Finfinneetti jalqabee gara naannoolee fi dhaabbilee sadarkaadhaan jiranitti gadi bu’ee kabajamaa jedhan Dr. Liyaan.

Kabajni kunis sirnoota akka nageenyummaan ogeessotaa fi hojjattoota Fayyaa haa eegamu,ogeessotaa fi hojjattoota Fayyaa nuuf jiraataniif invasti haagoonu fi waliin milkaa’inni akka dhufu gochuu dandeenya torbeen galateeffaannaa fi beekamtii raawwatamaa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015