Mootummaan gargaarsa namoomaa dahoo godhachuun kanneen hojii diigumsaa hojjetaan hubatee biyyaa baasuu ni danda'a - Ambaasaaddar Rediwaan Huseen

57

Finfinnee, Adooleessa 08/2013 (TOI) - Dhaabbileen gargaarsa tokko tokkoo gargaarsa namoomaa dahoo godhachuun gochaa hojii biyya diiguu kan hojjetaan irraatti tarkaanfii hagaa waliin hojjechuu dhaabuu fi biyyaa baasuu fudhachuu danda'aa jechuun Deetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen himan.

Ibsa Haala yeroorratti Deetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen murtee mootummaan gama isaan waraana dhaabuu fi haala yeroorratti ibsa kennaniiru.

Mottummaan namummaaf dursa keennuun akkasuma rakkoowwan hawaasumaa , dinagdee fi birmadummaa jiru ilaalicha keessa galchuun gama isaan dhukaasa akka dhaabee yaadachiisaniiru.

Murteen kunis dhiibbaa sadarkaa idil addunyaatti ka'aniif deebii kan kennee, akkasuma kanneen nageenyaa Itoophiyaaf dhippataniif boqonnaa kan kenneera jedhamee yaadama jedhaniiru.

Murtee kana boodas wantoonni sirrii hin taane akka jiraniis mootummaan hubachuu danda'eera kan jedhan ambaasaaddar Rediwaan mootummaan murtee dhukaasa dhaabuu fudhatee yoo bahuu kaneen kana falleessan garuu balaaleffachuun sadarkaa addunyaatti kaka'umsi jiru xiqqaa ta'uu ibsaniiru.

Qamooleen tokko tokkoo immo murticha dinqisifachuu, deeggaruufi kan hanqate itti guutuu dhiisanii sababoota adda addaa dhiheessuun murticha xiqqeessuuf socho'aaniiru jedhaniiru.

Hawaasni addunyaa murtoo dhukaasa dhaabuu mootummaan fudhate hordofee badii garichi raawwachaa jiru callisaan ilaaluu filachuu fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan miidhaa lammiileerra qaqqabu hir’isuuf Raayyaan Ittisaa naannoo Tigraay akka ba’u murteessee ture jedhan.

Tarkaanfii mootummaan fudhate kana gareen ABUT akka carraatti fayyadamuun haleellaa raawwachuu itti fufu isaa Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.

Garichi gochaa seerri idil addunyaa hin eeyyamne daa’imman waraanaa keessatti hirmaachisuu dabalatee yakkoota garaagaraa raawwachuus himaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaa dhimma kana callisanii ilaaluun sirrii akka hin taane eeraniiru.

Biyyoota alaas ta’ee dhaabbilee deeggartootaa maqaa deeggarsaan Itoophiyaa seenaniin dhimma keessoo biyyattii gidduu gala jiraniif mootummaan kana booda obsa kan hin qabaanne ta’uu hubachiisaniiru.

Keessattuu maqaa deeggarsaan kanneen Shororkeessitoota meeshaalee waraanaa hidhachiisan jiraachuu fi yeroo qalbeeffannna kana keessatti jijjiirramni yoo hin jiraanne mootummaan murtoo biyya baraaruu akka fudhatu himaniiru.

Shira keessaa fi alaan gochaa biyya diiguuf adeemamaa jiru mootummaan callisee kan hin ilaalle ta’uu kaasaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015