Sagantaan tarsiimoo kaffaltii diijitaalaa biyyaalessaa eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.

65

Finfinnee, Adooleessa 8/2013 (TOI) – Sagantaan tarsiimoo kaffaltii tajaajila diijitaalaa biyyaalessaa eegalchiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Saganticharratti miseensonni hoggansa Baankii Biyyaalessaa fi keessummoonni Fandii Misooma Baankii Kaappitaalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.

Tajaajilli kaffaltii Diijiitaalaa dhaabbilee Faayinaansii dhuunfaa hanga mootummaatti shoora olaanaa qabaachuu Baankii Biyyaalessaatti Daayreektarri Kaffaltii fi Seetlimantii aadde Maartaa Hayilamaariyaam himaniiru.

Kutaalee hawaasaa hundaaf tajaajila kaffaltii salphaa, baasii xiqqaa fi amansiisaa karaa ta’een raawwachuuf ni gargaara jedhan.

Damicha ammayyeessuu fi dorgomaa taasiisuun guddina biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015