Buufanni xiyyaaraa Naqamtee waggaa tokkoo asitti akka xumuramu himame

66

Naqamtee Bitootessa 13/2011 Ijaarsa buufata  xiyyaaraa Naqamtee waggaa tokkoo asitti xumuruuf tattaaffiin godhamaa akka jiru hoogantoonni dhimmi ilaallatu ibsan.

Waggaa lama dura kan jalqabame hojiin  ijaarsa buufatichaa  harka 40 irra akka jiru himameera.

Itti gaafatamaan sab-quunnamtii ummataa daandii  xiyyaarichaa obbo Asiraat Bagaashaaw akka ibsanitti, bajanni birrii miiliyoona 748 qabameefi ijaarsi isaa kan jalqabame kun yeroo xumuramuu qaburraa ji’a jaa’a boodatti harkifateera.

``Sababa daangaa kabachiisuu, dadhabina kontiraaktaraa fi rakkoo nageenyaa naannoo sanatti uumamee tureen hojiin ijaarsaa utuu hin xumuramiin hafeera`` jedhan.

Yeroo ammaa naannawa sanatti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuun fi rakkooleen biroos furamuu isaaniitiin ijaarsi duubatti harkifate ariifacchiifamaa akka jiru dubbataniiru.

To’ataan Mahaandisii pirojektii ijaarsa buufata daandii xiyyaarichaa obbo Biruukee Kabbadaa gama isaaniitiin, dirreen buufata xiyyaarichaa fi xiyyaarri kan irratti qophii dursaa godhu  lafa kiiloomeetira sadii hojiin biyyoo guutuu xumuramee cirrachaa fi aspaaltii uffisamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015