Ispoortii idileessuun fayyummaaf bu’a qabeessummaa hojjattootaa dabaluu keessatti shoora ol’aanaa akka qabu himame.

143

Finfinnee Adoleessa 2/2013(TOI) - Ispoortii idileessuun fayyummaaf bu’a qabeessummaa hojjattootaa dabaluu keessatti shoora ol’aanaa akka qabuhimame.Sochiin 'maas ispoortii ' hojjattootaaf hooggansa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu hirmaachise geeggefamera.

Sochiin Ispoortii kunis qindeessummaa daayirektoreetii Tajaajila barattootaafii kutaa Saayinsii Ispoortii Yuunivarsiitichaatiin tahuunis ibsameera.

Sochiin ispoortii kunis fayyummaa hojjattoota Yuunivarsiitichaa mirkaneessuun cinaatti hojjirratti dammaqinaan akka hirmaataniif gumaacha ol’aanaa akka qabus ibsameera.

Yuunivarsiitichatti Daayirektarri Tajaajila barattootaa obboo Issaa Hasan akka jedhanitti hojjattoonni Yuunivarsiitichaa Ispoortii idileessuun qaamaaf qalbiin cimuun kaayyoo waloo yuunivarsiitichaa akka galma gahuuf miira obbolummaaf tokkummaatiin akka hirmaataniif yaadamee kan qophaahee dha.

Akkasumas walitti dhufeenya gaarii hojjataa,barsiisotaaf hooggansa mana hojichaa jiddutti uumuu keessattis ni gumaacha jedhameera.

Yuunivarsiitichatti Daayirektarri kooleejii saayinsii uumamaa Dr. Gaashaaw Awlaachew gama isaaniitiin sagantaan maas ispoortii sammuu hojiin dadhabe bashannansiisuuf dhiphina gara garaa mudachuu malu hirdhisuuf shoora ol’aanaa qaba jedhan.

Akka Doktar Gaashaaw jedhanitti sagantaan 'Maas ispoortii' Yuunivarsiitichaa torban torbaniin sanbata xiqqaa yeroo hunda sagantaa idileetiin kan itti fufu tahuu baruun hojjattoonni hafanis qooda akka fudhatan gaafataniiru.

Yuunivarsiitichi sochii 'Maas ispoortii' geeggesuun cinaatti saayiinsii ispoortiitiin barattoota barsiisee eebbisiisaa jiraas jedhan.

Keessattuu jiddu galli jiimnaaziyeemii Yuunivarsiitichaa meeshaalee ispoortii hammayyaa gara garaatiin guutamaa jiru agarsiiftuu tattaaffii kanaati jedhan.

Yuunivarsiitiin madda walaabuu sirna baruuf barsiisuu,tajaajila hawaasaaf qorannoof qo’aannoo rakkoo hawaasaa bu’ura godhatan geeggessuun cinaatti guddina ispoortii keessatti shoora isaa bahachaa akka jirus himamee jira.

Keessattuu sochiin kilabiin ispoortii Kachoo dhiirotaa Yuunivarsiiticha waancaa waldorgommii sadarkaa biyyaatti geeggefame irratti badhaafame fakkeenyumaan kan ibsamuu dha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015