Ummattoonni naannolee Ormiyaa fi Beeniishaangul Gumuuz ollummaan jiraatan konfaransii nagaa adeemsisan

73

Naqamte Bitootesa 12/2011  Namoonni dhuunfaa nageenyasaanii booressan seeratti akka dhihaatan yaalii taasifamu deeggaruudhaan ga’eesaanii akka ba’an kutaaleen hawaasaa naannolee Oromiyaa fi Beeniishaangul Gumuuz ollummaan jiraatan ibsan.

Konfaransiin nagaa kutaaleen hawaasaa naannolee lamaan ollummaan jiraatan itti hirmaatan godina Asoosaa aanaa Baambaasiitti  Bitootesa 12/2011  adeemsifameera.

Hirmaatota keessaa jiraattuun aanaa Baambaasii adde Manan Alii yaada kennaniin, namoota nageenya naannawasaanii booressuuf socho’an saaxilanii seeratti akka dhihaatan ga’eesaanii akka ba’an ibsaniiru.

“Ummattoonni Oromoo fi Beeniishaangul Gumuuz maatii tokko” kan jedhan adde Manan, fedhiisaanii guuttachuuf humnoota walitti isaan buusuuf yaalan karaa qabsiisuuf yaalii taasifamu akka deeggaran dubbataniiru.

Daba humnoonni farra nageenyaa raawwatan fashaleessuudhaan nageenya ture deebisuuf ga’een konfaransii nageenyaa kun olaanaa ta’uu kan ibsan ammoo naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Beegii irraa kan hirmaatan Qeesii Wandimmuu Mahaammadi.

Namoonni nageenyasaanii booressuuf socho’an seeratti akka dhihaatan waan irraa barbaadamu gochuuf qophaa’aa akka ta’an ibsaniiru.

Godina Asoosaatti bulchaan aanaa Baambaasii obbo Muusaa Saadiiq gamasaaniitiin, ummattoonni Oromoo fi Beeniishaangul Gumuuz adda ba’uu kan hin dandeenye ta’uu ibsanii, faayidaa waliinii kabachiisuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Nageenyi ummattoota naannolee lamaanii eegamee jaalalaan akka jiraatan xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa akka jiran kan ibsan ammoo bakka bu’aa bulchiinsa godina Wallaggaa lixaa obbo Zarihuun Takiluuti.

Hoogganaan waajjira qindeessaa nageenyaa fi misoomaa naannoleen Oromiyaa fi Beeniishaangul Gumuuz obbo Tashoomaa Dassaalenyi konfaransiin nageenyaa kun yeroo shanaffaaf adeemsifamuusaa ibsanii, amma ammaatti naannolee lamaanitti buqqaatonni kuma afurtamaa ol gara qe’eesaaniitti deebi’uusaanii beeksisaniiru.

Ummattoonni naannolee lamaanii caancala ergamtoota badii kukkutuudhaan tokkummaa fi jaalalasaanii cimsuudhaan nageenya naannawasaanii eegsisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ajajaan raayyaa ittisaa 22ffaa konoreel Amaaree Maammoo yakkamtoota seeratti dhiheessuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa waan ta’eef ummattoonni olla naannolee lamaanii humnoota nageenyaa cinaa dhaabbachuudhaan nageenya naannawasaanii eeguu akka qaban yaadachiisaniiru.

Konfaransiin nageenyaa wal fakkaatu Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa magaalaa Balootti har’a kan adeemsifame yoo ta’u, iddoowwan lachuuttuu jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, dargaggoonni, dubartoonnii fi kutaaleen hawaasaa kanneen biroo naannawarraa walitti baba’an hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015