Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay dhiitta mirga namoomaa Gareen Shororkeessaa ABUT uummata irraan gahaa jiru hawaasni addunyaa akka balaaleffatu gaafate.

68

Finfinnee, Waxabajjii 30/2013 (TOI) - Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay dhiitta mirga namoomaa Gareen Shororkeessaa ABUT uummata irraan gahaa jiru hawaasni addunyaa akka balaaleffatu gaafate.

Ibsi bulchiinsi yeroo naannichaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf erge akka mul'isutti sababaan mootummaan Federaalaa murtee dhukaasa dhaabuu gamasaan akka dhaabu bulchiinsichii gaafateef lubbuu lammilee balaa irra baraarufidha.

Mootummaan Federaalaa bulchiinsa yeroo naannichaa waliin ta'uun tajaajiloonni naannichatti adda citan akka deebi'anii hojjetan, bu'uuraleen misoomaa manca'aan akka deebi'anii suphaman gochuu kaayyoo ifa ta'ee godhatee hojjechaa turu beeksiseera.

Akka ibsa bulchiinsa yeroo Naannoo Tigiraay kanatti bulchinsi yeroo kun teessoo isaa Finfinnee godhachuun dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa fi kanneen dhimmi ilaallatu waliin walhubannoo Mootummaa Federaalaa fi bu'uura kallaatti Wajjira ministira muummeerra kenamuun nageenya lammilee sivilii eeguf tattaafii gochaa jira.

Haaluma kanaan tattaaffii kana milkeessuuf qaamolee adda adda waliin marii sirna irratti bu'ureeffame taasisaa jirachuus eerera.

Kanas ta'ee garuu murtee qaamoleen nageenya Federaalaa naannicha gad dhiisanii bahuu hordofee haalli qabatama amma Naannoo Tigiraay keessa jiru haala baay'ee ulfaataa fi rakkisaa akka ta'e odeeffannoon jiran kan mil'isan ta'u beeksiseera.

Ibsa kanaan akka himameetti yeroo ammaa keessayyuu ergama lubbuu baraaru bulchiinsa yeroo naannichaa fudhatani lammilee hojjechaa turan humni hidhatee jiru kan Raayyaa Ittisa Tigiraay jedhee of waamu ajjesaa jira.

Baatiwwan torban darban ogeeyyoonni Raayyaa, Indertaa, Maqalee/Kuhaa fi Adigiraatti tola oltummaan lammilee gargaaraa turan isaanii fi maatiin isaanii garee hidhate kanaan miidhamaa jiraachuu eerameera.

Hojii qinda'aa lammilee buqqa'anii jiran rakkoo isaanii furuuf taasifamuttis gufuu ta'aa jirachuu himameera.

Gareen hidhate kun naannichatti hannaafi haleella raawwachaa jiru kanaan Kuusaawwan gargaarsa namoomaaf qinda'an waan saamaniif beela mudachuu danda'uu qolachuuf hojii hojjetamu irratti gufuu akka ta'u danda'as jedhameera.

Gochaa gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaanii karaa ittigafamuummaa hin qabneen gochaa jiraniin magaalaa Maqalee dabalatee lammileen baay'een bakka garagaara irraa godanaa jiraachuu bulchiinsi yeroo Tigiraay himeera.

Mootummaan Federaalaas lammilee haala kanaan qe'eefi qabeenya isaanirra godaanan galmeessaa jiraachuus eerera.

Lamileen gara Biyyaa Eritiriyaatti godanaa jiran akka jiran himameera.

Dhaabbanni mootummoota gamtoomaniifi dhaabbileen gargaarsaa akkasumas hawaasni addunyaa gareen shororkeessaa ABUT kan Raayyaa Ittisa Tigiraayi jedhee of waamuu kun dhiitta mirga namoomaa naannichatti inni geesisaa jiru akka jabaatti akka balaaleffatu bulchiinsi yeroo naannichaa gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015