Jimmatti qaamolee tiraanispoortii to’atan irratti komiin dhihaate

75

Jimma Bitootessa 12/2011 Qaamoleen tiraanispoortii to’atan seeraan ala waan isaan adabaniif rakkachuusaanii abbootiin qabeenyaa taaksii fi konkolaachiftoonni komiisaanii ibsan.

Kenniinsa tajaajila tiraanispoortii, mirgaa fi dirqama abbootii qabeenyaa fi konkolaachiftootaa ilaalchisee magaalaa Jimmaatti mariin taasifameera.

Maricharratti kan hirmaatan keessaa konkolaachisaan Miiniibaasii obbo Abeenezeer Issuundaalee yaada kennaniin “seeraa fi danbii kabanynee  konkolaachisaa osoo jirruu tiraafikoonni ta’e jedhanii  nutti duulaniiru” jedhaniiru.

Yeroo dhihoo asitti sababa barbaaduudhaan adabbiin waan itti baay’ateef socho’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Abbaa qabeenyaa Taaksii kan ta’an obbo Kadiir Mahaammad gamasaaniitiin “danbii tokkoyyuu osoo hin darbiin birrii 920 adabameera” jedhaniiru.

Adabbiin kun akka hafuuf torbeewwaniif yoo iyyatanillee , gurra akka hin arganne eeranii, wayita ammaa jireenyii fi meeshaaleen jijjiirraa mi’aa ta’ee osoo jiruu adabbiin hinmalle baay’achuunsaa akka komatan isaan taasiseera.

Sababa toora keetiin ala sochooteetta jedhuun birrii 500 akka adabamu itti murtaa’uusaa kan ibse ammoo baajaajii kan oofu dargaggoo Kaasaahuun Balaachooti.

“Dhugaa jiru hubachiisuuf yoon yaalu na ifate, na arrabses” jechuudhaan komiisaa dhiheesseera.

Ajajaan poolisii magaalaa Jimmaa Ittaanaa komaandaraa Abdurazaaq Naggaa baatii darbe magaalaa keessatti balaan tiraafikaa waan baay’ateef tajaajila tiraanispoortiirratti hawaasni komii dhiheesserratti hundaa’uudhaan qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun to’annaa akka cimsan dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa tiraanispoortii fi konkolaachiftoonni kan fe’uu qabanii ol fe’uu, taarifaa ol kafalchiisuu, akkasumas seera cabsanii waan argamaniif kana sirreessuuf hojjechaa akka jiran hubachiisaniiru.

“Rakkoo naamusaa kan qaban hin jiran jechuun hin danda’amu, isin keessas karaa keenyaanis rakkoo kan uuman akka jiran hubachuun gaariidha” jedhaniiru.

Tiraafikootaa fi to’attoota daba raawwatan qulqulleessanii tarkaanfii bulchiinsaa akka fudhatan ajajaan kun ergaasaanii dabarsaniiru.

Qaamoleen tajaajila tiraanispoortii kennanis olaantummaan seeraa akka kabajamu gaafachuurra darbanii eegsisuudhaanis ga’eesaa akka ba’u ergaasaanii dabarsaniiru.

Abbaa taayitaa tiraanispoortii magaalaa Jimmaatti abbaan adeemsa hojii tajaajila dhiheessii tiraanispoortii obbo Rashaad Abbaa Biyyaa gamasaaniitiin, tajaajilli taaksii Miiniibaasii magaalichatti addaan citee ture Bitootessa 10/2011 irraa kaasee eegaluusaa beeksisaniiru.

Magaalichatti abbootiin qabeenyaa taaksii Miiniibaasii fi Baajaajii, konkolaachiftoonni, waldaan abbootii qabeenyaa tiraanispoortii, qaamoleen raawwachiiftuumarii argamaniiru.

Magaalaa Jimmaatti Bitootessa 9/2011 irraa kaasee tajaajilli Miiniibaasii addaan waan citeef jiraattonni akka rakkatan ibsuusaanii tajaajilli oduu Itiyoophiyaa wayita sanatti gabaaseera.

Magaalaa Jimmaa tajaajila tiraanispoortii taaksii kan kernnan taaksii dhibba afurii fi soddomii shan fi baajaajii kuma 1 fi 220 akka jiran odeeffannoon abbaa taayitaa tiraanispoortii magaalaa Jimmaarraa Argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015