Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Dhaabbilee Faayinaansii waliin mari'ataa jira.

96

Finfinnee,Waxabajjii 28/2013(TOI) - Gumiin Dhaabbilee Amantii Itiyoophiyaa Dhaabbilee Faayinaansii Biyya keessaa waliin ta'uun dhimma ijaarsa biyyaafi nageenyaarratti marii taa’aa jira.

Marii kana gumii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa fi Baankii Daldalaa Itoophiyaatu mata duree 'gahee dhaabbileen amantaa fi Faayinaansii guddina biyyaa keessatti qaban' jedhuun qopheesse.

Marii kana irratti abbootiin amataa fi kaneen dhimmi ilaallatu biroon hirmaataniiru.Walitti qabaan gumii dhaabbile amantaa Itoophiyaa Luba Taagay Taddalaa biyyatti nagaan akka jiraatuuf ummata jidduu wal kabajuun akka jiraatu gochuun walitti bu'insoonni akka xiqqataan gochuu keessatti hojii baay'een hojjetameera jedhan.

Hojiin gumichi hojjetee kun akka mila'uufis baankiin daldala Itoophiyaa gahee guddaa bahuu isaa himaniiru.

Pireezidantiin Baankii daldala Itoophiyaa Obbo Abee Saanoo gama isaniin baankiichi dhaabbilee nageenya irratti hojjetaan gargaaruuf fedhii kan qabu ta'uu himaniiru.

Itoophiyaatti dhaabbileen Amantaa waldanda'uun, wal kabajuun, wal gargaaruun fi nageenyi akka jiratuu gochuuf hojii hojjetaan caalaatti cimsuu qabuus jedhaniiru.

Deetaan Minsteera Nageenya Aaddee Firee'alam Shibaabawu akka jedhanitti dhaabbileen Faayinaansii kanneen nageenya biyyattii irratti hojjetan waliin hojjechuu jalqabuun isaanii jajjabeeffamuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015