Aadde Adaanach barattoota kutaa 8ffaa qormaata booda dhaabbii biqiltuu raawwatan galateeffatan

61

Finfinnee, Waxabajjii 25/2013 (TOI) - Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee barattoota kutaa 8ffaa qormaata booda sirna dhaabbii biqiltuu gaggeessan galateeffataniiru.

Barattoonni magaalaa Finfinnee qormaata kutaa 8ffaa fudhatan qormaata booda Ashaaraa Magariisaa kaa’aa jiru.Dhaloota gaarii haala kanaan ijaaraa adeemuun barbaachisaa ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.

Barattoonni kunneen Ashaaraa Magariisaa kaa’aniif galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015