Komishiniichi guyyaa filannoo hordoofii mirga namoomaa taasisuuf ogeessota bobbasuusaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Komishiniichi guyyaa filannoo hordoofii mirga namoomaa taasisuuf ogeessota bobbasuusaa beeksise.
116
Finfinnee,Waxabajjii 13/2013(TOI)- Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa nannoolee filannoon gaggeeffamuutti hordoofii mirga namoomaa taasisuuf ogeessota bobbasuusaa beeksiseera.
Komishinichi bu’uura labsii keeyyata 6 foyya’ee hundeeffameen waqtii filannootti haala eegumsa mirgawwan namoomaa hordoofii taasisuuf aangoo fi itti gaafatamummaa waan qabuuf hordoofii akka taasisu beeksiseera.