Magaalaa Jimmaatti duulli nu filadhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera.

147

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (TOI) - Magaalaa Jimmaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti duulli nu filadhaa Paartii Badhaadhinaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy argamanitti gaggeeffameera.

Duula nu filadhaa kanarratti itti aanaa Ministiraa muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin, Giiftii Duree Aadde Zinnaash Taayyaachoo, Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo,Pireezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Daayreektarri olaanaa Tajaajila odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xirunehi dabalatee hoggantoonnii olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee biroo argamaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad, sagantaa guduunfaa duula nu filadhaa fi galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffameerratti argamuun haawasa taasiisaniin Jimmaan biyya jaalalaa, nagaa fi tokkummaa ta’uu ibsuun, hawaasa magaalichaa simannaa hoo’aa taasiisaniif galateeffataniiru.

Ummata Itoophiyaa mara waliin taane Itoophiyaa badhaate ni ijaarra jedhan Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasaa sagantaa kana irratti taasisaniin.

Kannan dura Itoophiyaa diigamurraa hambifana jennnee hojjechaa turrerra. Ammaa kan milkeesineerra waan ta'ee kanatti aanisinee immoo Itoophiyaa biyya misoomaan Afrikaa bahaatti moodeela taate ijaaruuf hojjenna jedhan.

Duula haala kanaan ba’uun filannoorratti hirmaachuun qaamolee olola sobaa nurratti oofaa jiran yaa qaaneessinu jechuun dhaamaniiru.Sagantaa kana irratti kan haasaa taasisaan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa hojii waggoota sadan darbaan hoggansa cimaa isaan ministirri muummee dooktar Abiy Ahimad kennaniin Itoophiyaa diiggamuuf qarqarra geessee turte diigamuu irraa baraaruun danda’ameera jedhan .

Piroojektoonni misoomaa baroota dheeraaf harkifatanii fi haaraa jalqabaman qulqullinaa fi saffisa olaanaan ijaarramanii xumuramuu himaniiru.

Badhaadhinni sabdaneessummaa dagaaagsuuf paartii xiyyeeffannoon hojjetu ta’uu eeraniiru.Sirna cimaa Itoophiyaa diinagdee badhaatee fi siyaasaan qaroomte ijaaruuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015