Liigiin Arabaa Ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee murtoon dabarsee fudhatama akka hin qabne mootummaan beeksise.

72

Finfinnee,Waxabajjii 9/2013(TOI)- Liigiin Arabaa Ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee murtoon dabarsee fudhatama akka hin qabne mootummaan beeksise.

Liigiin Arabaa Ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee murtoon kuwaataritti mari’achuun dabarse fudhatama akka hin qabne Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baasen beeksiseera.

Murtoon darbees adeemsa naannichatti laga Abbayyaa walgargaarsafi waaraan fayyadamuu dandeessisuu akka hin taanes ibseera.

Biyyoonni miseensoota Liigii Arabaa itti fayyadama laga Abbayyaafi ejjannoo Itiyoophiyaa haalan beekuu qabus jedheera.

Ijaarsi hidha haroomsaa Itoophiyaaf lammiilee miiliyoonan lakkawaman hiyyummaa keessaa Kan itti baastu, dhiyyeessii humna ibsaafi piroojektii wabii nyaataa itti mirkaneessitu waan ta’eef, dhimma birmadummaashee akka ta’ee beekkamu qabas jedheera ministeerichi.

Haaluma kanaan biyyoonni yaa’aa laga Abbayyaa, mariifi walgargaarsan hojjachuun, nageenyummaa bishaani tasgabbeessuf daandii filannoo biraa hin qabne ta’uu Itoophiyaan ejjannoo hin jijjiramne akka qabdu beeksiseera.

Marii qindeessummaa Gamtaa Afriikaan adeemsifamu osoo hin hubatiin, murtoo biyyoonni miseensota Liigii Arabaa dabarsan, Itiyoophiyaan amantii irra deebi’ani ni sakatta’uu jedhuu akka qabdus ibseera.

Guutinsa bishaani hidha haroomsaa ilaalchisee ejjannoo Liigichi qabate Mootummaan Itoophiyaa guutuman guututti akka hin fudhanne beeksiseera.

Kanumarraa akka dhaabbata Naannawaa tokkootti, furmaata biyyoota sadeen fayyadamoo taasisuu fiduun, ijjannoo waldhahaafi sababawaa hin taane akka sirreessuf mootumaan waamicha dhiyyeessera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015