Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti Paartiin Badhaadhinaa sagantaa duula na filadhaa isa xumuraa geggeessera.

60

Finfinnee, Waxabajji 9/2013 (TOI) - Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti Paartiin Badhaadhinaa sagantaa duula na filadhaa isa xumuraa geggeessera.Sagantaa kana irratti kadhimantoonnii filannoo bara kanaa irratti hirmaatan, Deeggartoonnii fi meseensoonni paartichaa argamaniiru.

Paartichii filannoo biyyaleessa marsaa 6ffaa baatii lamaan darbaan duula na filadhaa geeggeessa ture hara'a xummura.

Sagantaa kana irratti kan argaman Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee, aadde Adaanech Abeebee akka jedhaniitti, paartiin badhaadhinaa paartii hundumtuu akka badhaadhuuf kaayyoo qabudha jedhan.

Jiraatonni magaalichaa fi paartilee morkatootaa filannoon biyya ol waan hin taaneef kana hubachuun Filannichi dimokiraatawwaa fi haqa qabeessa akka ta'uuf gahee isaanirraa eeggamu bahuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015