Paarkiin Bashannanaa Piikook eebbifame tajaajilaa kennuuf banaa ta'e.

64

Finfinnee, Waxabajjii 4/2013 (TOI) – Paarkiin Bashannanaa Piikook eebbifame tajaajilaa kennuuf banaa ta'e.

Sirna eebba Paarkii Bashannanaa ‘Zuu’ Piikook kanarratti aadde Adaanach dabalatee sadarkaa itti aanaa kaantibaattii hojii raawwachiisaan Magaalaa Finfinnee obbo Xiratuu Bayyaanaa, Ministir Deettaan Ministeera Raayyaa Ittisaa obbo Geetaachoo Hayilamaariyaam, hoggantoonni olaanoon magaalichaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Aadde Adaanechi sirnicharratti akka dubbataniitti paarkichi haal teesumaa lafaa fi binesoota hedduu ofkeessatti qabatee haala kanaan akka ol guddatee hojjetamu gochuun hojii magaalitti jiddugala turizimii gochuuf hojjechaa jirru keessa agarsiiftu tokkodha jedhaniru.

Bulchiinsi magaalicha gara fuula duraattis paarkichaaf gargaarsa barbaachisu kan godhuuf ta'uus himaniru.

Kaneen hojiin paarkii kana akkanaan akka hojjetamuuf gahee isaanii bahanis galateeffataniiru.

Paarkicha keessatti Leencha anfaarroo gurracha qabu, Jaldeessa Ciilaadaa, Sardiidaafi gosoota bineessootaa 53 ol paarkicha keessatti kan argaman ta'uu odeeffanoon Pirees sakireetari bulchisa magaala Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015