Foramiin Biizinasii Itiyoophiyaa fi Emireetota Araba Gamtoomanii Finfinneetti eegale - ENA Afaan Oromoo
Foramiin Biizinasii Itiyoophiyaa fi Emireetota Araba Gamtoomanii Finfinneetti eegale
52
Finfinnee Bitootessa 11/2011 Fooramiin Biizinasii Itiyoophiyaa fi Emmereetoota Araba gamtoomanii Finfinneetti eegale.
Fooramii kanarratti bakka bu'oonni dhaabbilee biizinasii fi aanga'oonni mootummaa 60 ol irratti hirmaataniiru.
Sirna baniinsaa irratti Da'eetaan Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr Akiliiluu H/Mikaa'eel biyyoonni lameen hariiroo bara dheeraa qabaachuu isaanii eeraniiru.
Foramii kanaanis muuxxannoowwaan wal jijjiiruun, wal deeggarsi diingdee daran kan cimuudha jedhaniiru.
Ministirri Diinagdee Emireetoota Araba Gamtoomanii Abdullaahi Al Saleh gama isaanitiin, foramiin kun invastimantii Itiyoophiyaatti abbootiin qabeenyaa keenya akka bobba'aniif iddoo olaanaa qaba jedhaniiru.