Naannoo Tigraayitti biqiltuun miiliyoonni 10 dhaabbiif qophaa’e

52

Finfinnee, Waxabajjii 1/2013 (TOI) – Naannoo Tigraayitti biqiltuun miiliyoonni 10 dhaabbiif qophaa’uu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Bulchiinsa Yeroo naannichaa beeksise.

Biqiltuuwwan buufatalee garaagaraa keessatti qophaa’an kanneen dhaabuuf boolli qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Bulchiinsa Yeroo naannichaatti qindeessan damee Qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa obbo Daasitaa Gabrasillaaseen ibsaniiru.

Hanga ammaatti boollii miiliyoonni 1 fi kumni 2 ol hirmaannaa ummataan qophaa’uu himaniiru.

Hojiin boolla biqiltuu qopheessuu kun itti fufuu fi miidhaa qabeenya uumamaarra ga’aa jiru ittisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin eeggumsa naannoo hirmaannaa ummataan hojjetamaa jiru jijjiirramaa fidaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015