Torban darbe keessa lammileen Itoophiyaa kuma 1 fi 147 gara biyyaatti deebi'anii galaniiru.

51

Finfinnee, Caamsaa 25/2013 (TOI) - Torban darbe lammileen Itoophiyaa kuma 1 fi 147 baha jiddugaleessaarra gara biyyaatti deebi'anii galuu isaani Miniteerri dhimma alaa beeksiiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin dubbi ijoo dhimma siyaasaa, Dinagdee fi dippilomaasii ilaalchisuun ibsa torbee laataniiru.

Torban darbe keessa Ambaasaaddaroonni biyyoota 10 xalayaa muudama Ambaasaaddarummaa dhiheeffataniru jedhamera. Pireezidantiin FDRI Saayileewarq Zawuunis walittii dhifeenya biyyota kanneenii Itoophiyaan akka barbaaddu ibsuun haala waqtawwaa biyyaas hubachiisaniru jedhamera.

Itti aanaan Ministira muummee fi Ministirri dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokoniinis gita isaanii Morookoo waliin dhimmoota biyyaa irratti miria'achuu isaani Abaasaaddar Diinaan himaniru.

Waliitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu fi walligalteewwan kanaan dura turan hojiitti akkata jijjiiramu irratti mari'achuu isaanis eeraniru ambaasaaddar Diinaan.

Akka Ambaasaaddar Diinaan jedhanitti karaa ministeera dhimma alaatiin walitti dhufeenyi dippilomaasii biyyoota adda addaa waliin taasifamera.

Dippilomaasii Lammilee irratti xiyyeeffateenis ministeerri dhimma alaa dhaabbilee dhimma baqatoota irratti hojjetaan waliin mari'achuu ambaasaadarichi himaniru.

Torban darbe keessa lammileen Itoophiyaa kuma 1 fi 147 gara biyyaatti deebi'anii galuusanii Ambaasaaddar Diinaan himaniru.

Jidduseentummaa dhimma keessoo Itoophiyaa biyyoonni alaa tokko tokko gochuuf yaala jiran mormuuf lammileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan hiriiran mormuu isaanii ambaasaadarichi himaniru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015