Dhaabbileen miidiyaa haalaa itti fayyadama teeknoolojii miidiyaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe kan madaalu beekumsaa nageenya Sayiiberi qabaachuu qabu- Dooktar Shuumatee Higizaawu

87

Finfinnee, Caamsaa 25/2013(TOI)- Dhaabbileen miidiyaa haalaa itti fayyadama teeknoolojii miidiyaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe kan madaalu beekumsaa nageenya Sayiiberi qabaachuu qabu jedhani daarektarri olaanaan Ejansii Nageenya Odeeffaannoo Dooktar Shuumatee Higizaawu.

Ejansiin Nageenya Odeeffaannoo fi Abbaa Taayitaa Miidiyalee Itoophiyaa waliin ta'uun abbootii qabeenyaa Miidiyaalee fi ogeessoota kan hirmaachise dhimma nageenyaa saayiber ilaalchisuun konfireensii guyyaa tokkoo qopheessera.

Dhaabbileen miidiyaa haalaa itti fayyadama teeknoolojii miidiyaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe kan madaalu beekumsaa nageenya Sayiiberi qabaachuu akka qaban kan ibsamee Konfireensii kana irrattidha.

Konfireensicha haasaan kan banan daareektarri olaanaa Ejensii nageenya odeeffannoo dooktar Shumatee Higizawuu akka jedhanitti miidiyaalee teekinolijiwwan fayyadamuun odeeffannoo qulqulluu fi ariifataa hawaasaan gahaan dabalaa dhufus beekusii nageenya saayiber irratti jiru garuu xiqqadha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015