Rakkoo Tajaajila ibsaa Jimmaa hiikuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsame

88

Jimma Bitootessa 10/2011 Ciccituu human ibsaa, ol ka’uu fi gadi bu’uu fi rakkoo waliin ga’iinsa tajaajilaa hiikuuf qaamolee bulchitootaa waliin qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsame.

Tajaajila elektiriikii Oromiyaatti waajjirri distiriiktii Jimmaa magaalaa Jimmaa fi qaamolee bulchiinsaa Godina Jimmaa waliin kenniinsa tajaajilaa fi qindoominaan haala hojejechuun danda’amurratti har’a mari’ateera.

Maricharratti bulchaan godina Jimmaa obbo Abdulhakiim Muluu akka ibsanitti, manni hojii tajaajila elektiriikii qaamolee bulchiinsaa waliin marii jalqabuunsaa tajaajila kennamu akka guddisu gargaara.

Manni hojichaa kanaan dura qaamolee bulchiinsa ummataa waliin mari’atee waan hin beekneef kenniinsa tajaajilaanis ta’e qaqqabummaarratti yaada fudhachuu akka isa hin dandeessifne dubbataniiru.

Kenniinsa tajaajila elektiriikiirrattis komiin ummataa guddaan akka jiru dubbataniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Limmuugannat obbo Mulugeetaa Zallaqaa gamasaaniitiin tajaajilli human elektiriikii tajaajiloota bishaanii, neetiwoorkii fi bilbiulaa fi tajaajiloota biro waliin kan walqabatu ta’uu dubbataniiru.

Ciccituu humnaa fi ifuu fi dhaamuu olitti ji’a tokkoof tajaajila yeroon itti dhaban akka jiru hubachiisaniiru.

Fuulduraaf qaamolee bulchiinsa ummataa waliin qindoominaan hojjechuu eegaluunsaa rakkooleen mudatan osoo hidda gadi hin fageeffatiin akka hiikaman kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila elektiriikii Oromiyaatti hoogganaan quunnamtii ummataa obbo Caalaa Boonsaa rakkoon kenniinsa tajaajila gadi aanaa fi qaqqabummaa amma jiruu itti fufuu akka hin qabne dubbataniiru.

“Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan si’ataa taasisuuf hojii babal’isuu fi pirojektoota jalqabaman xumuruuf qaamolee bulchiinsa ummataa waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha” jedhaniiru.

Tajaajila elektiriikii Oromiyaatti daarektarri distiriiktii Jimmaa obbo Geetaachoo Akliiluu tamsaasa humnaa si’ataa fi hojiin tajaajila sadarkaasaa eege kennuu dandeessisu xumuramuusaa beeksisaniiru.

Yeroo dhihootti maamilli kamiyyuu yeroo fi humnasaa osoo hin qisaasiin bakka jiru taa’e kafaltii kamiyyuu kan itti kafalu, gaaffii tajaajilaa kan itti galmeessisuu fi hojmaanni biroo akka diriiran ibsaniiru.

Manni hojii human elektiriikii guraa’insisa kanaan duraa keessaa ba’uudhaan haala gurmaa’insa federaalaatti naannoodhaan ta’uunsaa bulchiinsa ummataa waliin dhiheenyatti hojjechuun mijataa akka ta’e eeraniiru.

Tajaajilli elektiriikii naannoo Oromiyaa distiriiktii sagalii fi jiddugaleessota tajaajila kennan 191n kan gurmaa’e ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015