Seneetar Jiim Inhoofen Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasee Caafoo dhimmoota waloo fi naannawaarratti waliin mari’atan

49

Finfinnee, Caamsaa 24/2013 (TOI) – Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon Ameerikaatti Seneetara Bulchiinsa Oklaahoomaa Jiim Inhoofen waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’achuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni agarsiisa.

Obbo Taaggaseen haala waqtaawaa naannoo Tigraay, qophii filannoo marsaa 6ffaa, dhimma marii sadee Hidha Haaromsaa fi waldhabdee daangaa Itiyoo - Sudaan irratti ibsa taasisaniiru.

Rakkoolee wayita duula olaantummaa seeraa mirkanneessuu uumaman sadarkaan furuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu fi deeggarsi namoomaa lammiilee deeggarsa barbaadaniif taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiim Inhoofen gama isaaniin simannaa taasiifameefitti gammaduu eeruun, ibsi laatameef haala Itoophiyaa hubachuuf kan isaan gargaaru ta’uu himaniiru.

Hojiilee Itoophiyaan hojjetaa jirtu hunda deeggaruuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015