Jiddu seentummaa alaa hin barbaachifne kan Itoophiyaarratti ta'u kamiyyuu qolachuuf akka hojjetaan lammileen Ameerikaa jiratan kan lammummaan Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa ta'an beeksiisan.

83

Finfinnee, Caamsaa 23/2013 (TOI) - Jiddu seentummaa alaa hin barbaachifne kan Itoophiyaarratti ta'u kamiyyuu qolachuuf akka hojjetaan lammileen kutaa bulchiinsaa Ameerikaa adda addaa jiraatan kan lammummaan Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa ta'an beeksiisan. Mariin dhimma haala yeroo irratti xiyyeeffate kan namootaa 500 irratti hirmaatan mata duree 'Itoophiyaa Daandii haaraarratti ' jedhu geggeeffamera.

Ambaasaaddar Fitsim Araggaa maricharratti ergaa dabarsaniin Dhiibbaa kallaatti hundaan Itoophiyaa yeroo ammaa mudachaa jiru qolachuuf Itoophiyaanoonni biyya keessaa fi alaan wal ta'anii qinda'uun hojjechuu qabu .

Ministirri bishaan, Jallisii fi Inarjii dooktar Injineer Silashii Baqqalaan gama isaaniin dhiibbaan yeroo ammaa biyya keenya irratti ta'aa jiru humana fi bajata keenyaan hojjechiisa kan jirru Hidha haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa waliin hidhata kan qabanidha jedhaniru.

Pirojeekitti Asxaa biyya ta'e kana walta'insaan Itoophiyannoonni yoo xummuran dhiibbaan jiru akka xiqqaatu himaniru.

Ijaarsi isaa % 80 kan xummuramee hidhi guddicha Itoophiyaa ariitiin akka xummuramuuf Itoophiyaanoonni deeggarsi isaanii kan kanaan duraa caalaa dabaluun itti fufuu qabus jedhaniru.

Filannoo bara kana adeemsifamu ilaalchisun gorsituun dhimma Kominikeeshinii Boordii Filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallisi marii kana irratti hirmaataniru.

Akka isaan jedhanitti Filannichi nagaa fi diimokiraatawwa ta'ee akka xummuramuuf Boordichi tattaffii barbaachisu gochaa jira jedhaniru.

Filannoo bara kana irratti kaadhimamtoota dhuunfaa 200tu hirmaata. Kunis filannoowwan kanaan duraa irraa adda isa godha jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015