"Manguddoota ta'anii haala hojii fi bakka hojii dubatti hafaa fi mijataa hintane keessaatti kaka'umsaa hojii kanaan hojjechuun isaanii warra kaaniif barnootadha- Aadde Adaanech Abeebee

107

Finfinnee, Caamsaa 21/2013 (TOI) - Hojjettoonni waldaa hojii gamtaa Shammanee guddina hundaaf '' Manguddoota ta'anii haala hojii fi bakka hojii dubatti hafaa fi mijataa hintane keessaatti kaka'umsa hojii kanaan hojjechuun isaanii warra kaaniif barnootadha jedhan Itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Aaddee Adaanech magaala Finfinnee kutaa magaalaa Addis katamaatti naannoo bataskaana Amaanu'el jedhamuttutti kan argamu waldaa hojii gamataa shammanee guddina hundaaf jedhamutti argamuun haala hojii isaanii daawwataniiru.

Waldaan kun bara 1967 bakka kanatti hojjetame jedhamera.Haalli hojjetoonni waldaa hojii gamtaa kun keessatti hojjetan rakkisaa ta'us rakkoo kana damdamataanii warra hojjetan jajjabeessuun barbaachisadha kan jedhan

Aadde Adaanech miseensonni waldaa kana Aksiyoonaan gurmaa'anii hojii kana gara mala ammayyaatti jijjiranii hojjechuuf deeggarsi gama mootummaan akka taasifmuuf gaafataniru jedhaniru.

Bulchiinsi magaalichaas hojjetoota jajjaboo hojii osoo hin tuffatiin haala mijataa hintaane kana keessatti hojii gaarii warri kaan irraa barachuu danda'an hojjeetan kanaaf gaaffii isaan gaafatan yeroo gabaabatti deebisaf jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015