Raayyaa Ittisaa keessatti dandeettii cimaan ijaarrameera – Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabalee

106

Finfinnee, Caamsaa 20/2013 (TOI) – Raayyaa Ittisa biyyaa keessatti dandeettii cimaan ijaarramuu Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsan.

Work Shooppiin fooyya’iinsa Kaarkulamii Raayyaa Ittisaa gaggeeffameera.

Kaarkulamichi dandeettii Tarsiimoo hoggansa Humna Lafaraa, Humna Qilleensarraa, Galaanaa fi Nageenya Saayibarii kan guddisu ta’uu ibsamera.

Kaarkulamicharratti yaadaa fi qajeelfama hojii kan laatan Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen hojiileen jijjiirrama fidanii fi ga’umsa dabalan jajjabeeffamuu qabu jedhan.

Hunda caalaa Kaarkulamichi beekkumsa keenyaan hojjetamuun dandeettiin Raayyaa Ittisa biyyaa keessa jiru cimaa ta’uu kan agarsiisuudha jedhaniiru.

Riifoormiin Barnootaa fi Leenjii hoggansa gadi aanaa hanga hoggansa olaanaatti xiyyeeffaannoon hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi Kaarkulamichaa haala dandeettii Tarsiimoo hoggansa Humna Lafaraa, Humna Qilleensarraa, Galaanaa fi Nageenya Saayibarii guddisuu danda’uun qophaa’uu Ajajee Olaanaan Humna Qilleensaa Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan dubbachuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015