Itoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayidaa nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasiiftu Raashiyaan ni deeggarti jedhame.

66

Finfinnee, Caamsaa 19/2013(TOI) - Itoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayidaa nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasiiftu Raashiyaan akka deeggartu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yaavgiinii Taarkiin ibsaniiru.

Itoophiyaa fi Raashiyaan kana dura waliigaltee qaban gara hojiitti wayita galanii fi bu’uraa waliigaltee haala haaraatiin dhimmoota dandeessisaan irratti mari’ataniiru.

Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ahimaddiin Mahaammadii fi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Yaavgiinii Taarkiin dhimmoota garagaraarratti mari’ataniiru.

Itoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa faayidaa nageenyaaf oolchuuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsa ijaarsa humna namaa akka taasiftuu ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.

Dr. Ahimaddiin Mahaammad karoora waggaa 10 waliin waliigaltee dhufu akka taasisaan gaafachuusaanii ragaan Ministeericharra argamee ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015