Itoophiyaan miseensa koree UNESCO waliigaltee 1970 ta’uun filatamte

53

Finfinnee, Caamsaa 19/2013 (TOI) - Itoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa koree Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa waliigaltee 1970 ta’uun filatamte.

Filannoo yaa’ii idilee 6ffaa biyyoonni miseensa dhaabbaticha gaggeessaniin Itoophiyaan miseensa korichaa ta’uun filatamteerti.

Korichi hambaaleen aadaa karaa seeraa alaan biyyaa akka hin baanee fi nama sadaffaatti akka hin dabarre sadarkaa idil addunyaatti hojii ittisuu fi eeguu hojjeta jedhame.

Itoophiyaan eeggumsa hambaalee aadaa biyya keessaa fi alaaf taasiifamu keessatti qooda ishee kan baatu ta’uu ibsameera.

Itoophiyaanis eeggumsa damee hambaalee aadaaf taasiifamuuf qooda ishee ba’uu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessiteetti jwdhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015