Itoophiyaa fi Keeniyaan ``bara walgargaarsaa fi milkaa’inaa irratti xiyyeeffachuu qabu``--Pirezidanti Uhuuruu Keeniyaataa

55

Finfinnee  Bitootessa 9/2011 xayyaara Itoophiyaa irratti sababa balaa ga’een  Keeniyaattis guyyaan gaddaa yaadannoon ooleera.

Keeniyaatti kan argamu embaasiin Itoophiyaa miseensa kominiitii Itoophiyaa waliin Naayiroobiitti kan argaman manneen amantaa garaa garaa sirna kadhannaa qopheessan irratti pirezuidant Uhuuruu Keeniyaataa karaa bakka bu’aa isaanii itti aanaa ministira dhimma alaa biyyattii Ambaasaaddar Maachaariyaa Kaamaawutiin ergaa dabarsaniiru.

``Daandiin qilleenaa xayyaara Itoophiyaa Keeniyaanonnis kan itti boonanidha`` kan jedhan pirezidaanti Uhuurun gara fuulduraatti biyyoonni lamaan bara walgargaarsaa fi milkaa’inaa irratti xiyyeeffachuu qabu jechuu isaanii bakka bu’aan isaanii dubbataniiru.

Keeniyaatti waamamaa dhaabbataa fi Ambaasaddar RFDI Mallas Alam gama isaaniitiin, waqtii gadda hadhaawaa akkasii kanatti gadda saba biraa hirmaachuu fi yeroo rakkinasaatti bira dhaabbachuun baraa baratti kan ce’u aadaa boonsaa Itoophiyaa keenyaa ti jedhaniiru.

Embaasichi hariiroo qabaachuu qabu kan eeran Ambaasaaddar Mallas ``lammiileen tokko tokko dhimmi biyyaa karuma Imbaasii duwwaa kan hojjetamu yoo itti fakkaateyyuu kaayyoo guddaan embaasichaa hojii dandeettii lammiilee hoogganuu/jajjabeessuu dha, hunduu dhimma biyya isaarratti Ambaasaaddara dha`` jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015