Gosti Vaayirasii koroonaa Hindiitti mul'ate haalaan cimaafi yaaddeessa waan ta'eef ummaanni Ofeeggannoo cimaa gochuu qaba - Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa

50

Gosti Vaayirasii koroonaa Hindiitti mul'ate haalaan cimaafi yaaddeessa waan ta'eef ummaanni Ofeeggannoo cimaa gochuu qaba - Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa ItoophiyaaFinfinnee, Caamsaa, 6/2013(TOI)- Gosti Vaayirasii koroonaa Hindiitti mul'ate haalaan cimaafi yaaddeessa waan ta'eef Uummaanni Ofeeggannoo cimaa gochuu qaba Instituuyiitiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa hubachiise.

Gosti vaayirasii Koroonaa kun haga ammaatti biyyoota addunyaa 44 keessaatti akka argame ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa argame ni agarsiisa.

Dhaabnbanni fayyaa Addunyaa gosti vaayirasii biyya Hindiitti mul'atee kun haalaan cimaafi kan addunyaaf yaaddoo ta'edha jedhera.

Kanaaf uummaanni ofeeggannoo Ittisaa vaayirasii Koroonaa irratti taasifamuu qabu cimsee hordofuu akka qabu Insititiyuutiin fayyaa hawaasaa Itoophiyaa hubachiisera.

Gosti vaayirasii Koroonaa Hinditti mul'atee kun haga ammaatti biyyoota Afrikaa 7tti kan argame yoo ta'u Keeniyaatti caalaatti baay'ee babal'achuu BBCn gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015