Dooktar Abiy Godaambaa Biilaal Habash daawwatan

66

Finfinnee, Caamsaa 5/2013 (TOI) – Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godaambaa Biilaal Habash daawwataniiru.

Godaambaan Biilaal Habash seenaa fi Hambaa Musiliimoota Itoophiyaa kan beeksiisuudha jedhame.

Godaambicha keessa erga amantaan Islaamaa gara Itoophiyaa galee seenaan jiran qindaa’anii argamu jedhameera.

Qura’aannii fi Kitaaboonni baroota dheeraa dura barreeffaman Godaambicha keessatti kan argaman ta’uus himameera.

Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiin seenaa Itoophiyaa beeksiisuu sirnaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015