Paartiin siyaasaa har’a hin amanamne boru mootummaa ta’ee amanamuu hin danda’u- Ministira muummee Abiyyi

61

Finfinnee Bitootessa 5/2011 Sanadiin waadaan itti galame Itoophiyaa hamaarraa kan oolchuu fi kan ceesisu ta’uunsaa mirkanaa’uu akka qabu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Ministirri muummee kana kan dubbatan sirna mallattoo waadaa hojmaataa paartiilee siyaasaa hoteela Hiiltanitti qophaa’errattidha.

Ministirri muummee haasawasaanii keessatti paartileen hundi ummata, biyyaa fi ofiif amanamanii hojiiwwan carraa Itoophiyaa egeree biyyattii ijaaran tokkummaa biyyaarratti ammumaa kaasee hojjechuu fi shaakaluun akka barbaachisu eeranii, ”paariin siyaasaa har’a hin amanamne boru mootummaa yoo ta’e amanamuu hin danda’u” jechuun ergaa cimaa dabarsniiru.

Sanadiin waadaa har’a mallattoodhaan ragga’e walii galteewwan kanaan duraa caalaa kanneen biyyaa baqatan, hidhamanii fi bilisummaa ha’raatiif addaduree ta’anii aarsaa kafalan hunda kan hirmaachise waan ta’eef adda isa taasisa jedhaniiru.

Kanaaf sanadiin kun paartiin hundi keessasaatti kan amanuu fi kan hojjetu kanarra darbees nama waan hundarraa bilisa ta’ee ilaaluu fi ija dhalootaatiin yoo ilaalamu kan nama hinsaalfachiifnee fi kan nama boonsu ta’uu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ministirri muummee “haalli amma keessa jirru bilisummaan kan guutee irra darbe, darbee darbees qaamoleen lafumaa ka’anii akka waan mootummaa ta’aniitti of ilaalan,  bilisummaan kan jiru malee waanti hir’ate hin jiru” kan jedhan yoo ta’u, bilisummaa arganne sirnaan itti fayyadamnee faayidaa nama hundaatiif oolchinee obboloota keenya Afriikaanota hafaniif fakkeenya ta’uu qabna jedhaniiru.

“Paartileen Oromiyaa, Tigraayi, Amaaraa fi aanaalee naannolee biraa jiraattan ilaalcha naannoon yookaan aanaan kun keenya qofa jedhu of keessaa baaftanii hunda waliin jiraachuu qabdu” jechuun waamicha dhiheessaniiru.

.

Keessumaa dubbiiwwan ummata walitti buusan irratti ofeeggannoo guddaa taasisuu qabdu kan jedhan ministirri muummee, kasaaraan sanyii fi kanneen birootiin qoqooduun geessifnu biyyas kan miidhu ta’uu yaannee obsaa fi wal danda’uun waliin hojjechuun akka fayyadu ibsaniiru.

Ministirri muummee itti fufuudhaan miseensi ADWUI jiddu galeessarraa amma aanaatti jirus paartiin kamiyyuu yaadasaa bilisa ta’ee akka ibsatuu fi deeggartootasaa akka mariisisu yoo danda’e deeggarsa akka taasisuuf, yoo hin dandeenye garuu gufachiisuurraa of qusatee akka deeggaru waamicha dhiheessaniiru.

Miidiyaaleenis keessumaa qabeenya ummataatiin kan sochootan paartii biyya bulchu dabalatee paartilee hunda wal qixa, garuummoo ofeeggannoodhaan keessummeessuu qabdu jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa qabeenya maddisaa hin beekamne fiduudhaan kaayyoo barbaadaniif oolchan jiraachuusaanii kan dubbatan ministirri muummee, wantoota faayidaa qaban hedduu hojjechuu osoo barbaadanii kan harki gabaabbate akka jiranis himaniiru.

Kana walitti dhiheessuuf paartileen “ adda facaatanii osoo hin ta’iin walitti dhuftanii hojjechuu qabdu, paartileen qabeenya maddisaa hin beekamne argattanis badiif osoo hin ta’iin misoomaaf akka oolchitan mootummaan waan isarraa eegamu ni hojjeta”  jedhaniiru.

Paartilee siyaasaa gurmaa’anii socho’aniif mootummaan deeggarsa taasisuu akka dnda’us eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015