Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi tokkoo ol seeraa ala daddabarfamaa ture to’annaa jala oole

56

Finfinnee, Eebila 29/2013 (TOI)- Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi tokkoo fi kumni 10 seeraa ala daddabarfamaa ture to’annaa jala ooleera.

Hordoffii Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa taasisaniin Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 10 seeraan ala daddabarfamaa turee to’annaa jala ooleera.

Akka ibsa komishinichaatti doolaarri to’annaa jala oolee kun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa bakka Laambarat jedhamee waamamu buufata konkolaataa keessaattiidha;.

Maallaqichi eeruu uummataa, Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyoolessaa hordoffii waloo taasisaaniin to'atameera.

Maallaqicha waliin shakkamtoonni 2 to’annaa jala ooluun poolisiin qorannoo taasisaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015