Humni Qilleensaa FDRI miseensota duulaa olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa ba’aniif beekkamtii laate

50

Finfinnee, Eebila 29/2013 (TOI) – Humni Qilleensaa FDRI hogantoota waraanaa olaanoo riifoormii dhaabbatichaa fi miseensota hojii olaantummaa seeraa kabachisuu keessatti shoora olaanaa ba’aniif guddina gulantaa fi beekamtii laateera.

Hoggantoota olaanoo 44, hoggantoota bu’uuraa 47 dabalatee kanneen leenjii xummuran waliigala miseensota kuma 1 fi 79f sadarkaan kabajaa kan laatame yoo ta’uu, hoggantoonni 47 uffata kabajaa olaanaa uffataniiru jedhame.

Ajajaan Waliigalaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Mejeer Jeneraal Yilmaa Mardaasaa sirnicharratti argamuun Guddina Gulantaa fi beekamtii kana laataru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015