Baatii Caamsaa gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa haaluma duraan itti fufa – Ministeera daldaalaa

54

Finfinnee, Eebila 28/2013 (TOI) - Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa baatii Eblaa keessa ture Baatii Caamsaas akka itti fufu murtaa’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.

Boba’aa Xiyyaaraan ala gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa biroo haaluma baatii Eebilaa gurguramaa tureen baatii Caamsaas kan itti fufu ta’uu ibseera.

Boba’aan Xiyyaaraa haala gabaa Idil addunyaa bu’uura taasiisuun Baatii Eebilaa liitirri 1 Birrii 43.70 gurgurmaa ture saantima 11 dabaluun Birrii 43.81tti akka gurguramu murtaa’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015