Niijariif dhimma hidha haaromsaarratti ibsi taasiifame

73

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (TOI) - Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taate Niijariif dhimma hidha haaromsaarratti ibsi taasiifame.

Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa fi haala yeroo naannoo Tigraay irraatti Pireezdaantii Niijar Mahaammad Baazoom waliin mari’ataniiru.

Ministirri Bishaan Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa dhimma hidha haroomsa ilaalchise ejjannoo Itoophiyaa irratti ibsa laataniiru.

Niijar biyyoota miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa ishee tokkoodha.

Manni Maree Nageenyaa dhimmi hidha haaromsaa fi duula olaantummaa seeraa mirkanneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee irra deddeebiin yaadoota garaagaraa kaasaa turuun isaa kan yaadatamuudha.

Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen turtii Niijaritti taasiisaniin Itoophiyaa ilaalchisee dhimmoota mana marichaarraa ka’aniif Niijar hubannoo fooyya’aa akka argattu taasiisaniiru jedhame.

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Dooktar Mariiyem Alsaadiiq Almahidiin tibba darbe dhimma Hidha Haaromsaarratti hoggantoota Afrikaa garaagaraa waliin marii taasiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Haaluma walfakkaatuun Ministirri Dhimma Alaa Gibtsi Saamii Shukriin gama isaaniin biyyoota Afrikaa garaagaraatti imaluun ejjennoo biyyi isaanii dhimma Hidha Haaromsaarratti qabdu ibsa taasiisaa turaniiru.

Itoophiyaanis haqaa fi ejjennoo Hidha Haaromsa Guddichaarratti qabdu ilaalchisee hubannoo laachuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ragaan Waajjira Pireezdaantii FDRI irraa argame mi agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015