Wayita ayyaanaa hawaasni weerara Covid- 19f of eeggannoo taasiisuu qaba - Ministeera Fayyaa

56

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (TOI) – Yeroo ayyaanaa hawaasni bakka dhaabbilee amantii, Gabaa fi tajaajila geejjibbaatti weerara Covid- 19 irrss ofeeggannoo taasiisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa hubachiise.

Yeroo ammaa facaatiin weerara vaayrasii koroonaa haalaan babal’achuu isaan rakkoo fayyaarra darbee rakkoo hawaasummaa fi diinagdee ta’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Weerarichi erga Itoophiyaatti muul’atee hanga ammaatti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 55 ol vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 3 fi 658 darbuu himaniiru.

Namoonni 945 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti kan argaman ta’uu eeraniiru.

Yeroo kabaja ayyaanaa hawaasni bakkoota akka dhaabbilee amantii, Gabaa fi tajaajila geejjibbaatti weerara Covid- 19 irraa ofeeggannoo cimaa taasiisuu akka qabu hubachiissaniiru.

Lammiileen ulaagaa talaallii guutan talaallii akka fudhatan Dooktar Liyaan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Liyaan ogeeyyii yaala fayyaa wareegama kaffallaa jiran galateeffachuun, hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsuu isaanii ragaan ministeerichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015