Manni marichaa gargaarsa namoomaa Itoophiyaan naannoo Tigirayitti taasiseef beekamtii kennee.

74

Finfinnee, Eebila 15/2013 (TOI) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hojii olaantummaa seeraa Kabaachiisuu naannoo Tigirayitti ta'ee hordoofuun rakkoo umame furuuf gargaarsa namoomaa Itoophiyaan taasisaa jirtuuf beekamtii kennera.

Miseensoonni Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsa kaleessa laataniin birmadummaa, bilisummaa siyaasaa fi tokkummaa Itoophiyaa kan kabajan ta’uu beeksiisaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa tattaaffii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabsiisuuf taasiisu kan dinqiisifatu ta’uu ibseera.

Deeggarsa namoomaa bifa qindaa’een qaqqabsiisuuf tattaaffiin taasiifamu jajjabessaa ta’uus rakkoon namoomaa naannicha keessa jiru ammas yaaddessaa ta’uu manni marichaa eereera.

Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa ulaagaalee deeggarsa yeroo ariifachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hordofuun deeggarsa Itoophiyaaf taasiisan akka cimsan waamichi dhiyeesseera.

Sarbamni mirga namoomaa naannichatti qaqqabe mana marichaa daraan kan yaaddessu ta’uu ibsuun, yakkamtoonni seeraatti akka dhiyaatan qorannoon akka gaggeeffamu gaafateera.Naannichatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u tattaaffii Gamtaan Afrikaa fi Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa taasiisan manni marichaa kan deeggaru ta’uu beeksiiseer

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015