Yeroo ayyaanoota hanqinni oomishaalee akka hin muudanneef kan hojjeetuu koreen hundaa'eera-Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee

46

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (TOI)- Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee ayyaanoota dhufaanitti hanqinni oomishaalee akka hin muudanneef koreen hundaa'ee hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Hogganaan Biirichaa obbo Abdulfattaa Yasuuf, ayyaanoonni fannoo fi Idaal Faxir dhiyaachuurratti hundaa’ee gabaarratti hanqinni oomishalee akka hin muudanneef biirichi koree hundeessee hojjechaa jira jedhaniiru.

Guyyaa ayyaanootaatti kan yeroo biroorra haala adda ta’een fedhiin zaytaa, daakuu, sukkaraa, horii dhaabbii fi kanneen biroo waan dabaluuf fedhicha guutuuf karoora qabatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biirichi daldaltoota gabaan akka hin tasgabboofnee daballii gatii hin barabaachiifnee taasisaan irratti tarkaanfii akka fudhatu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015