Sudaan loltoota Itoophiyaa 61 erga uggurtee gadi lakkifte jechuun odeeffannoon tibbana tatamsa’aa ture odeeffannoo sobaati – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

60

Finfinnee, Eebila 13/2013 (TOI) – Waldhabdee daangaa Itiyoo – Sudaan ilaalchisee Itoophiyaan karaa nagaan furmaata akka argatu dursa laachuun hojjechaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbee Ministeera Dhimma alaa laataniiru.

Sudaanii fi Gibtsi mariin sadee hidha haaromsaarratti gaggeeffamu mariisiisummaa Gamtaa Afrikaa jalaa akka ba’u tattaaffii taasiisan Itoophiyaan hin fudhattu jedhan.

Mariin sadee hidha haaromsaarratti gaggeeffamu mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufu Itoophiyaan ejjennoo hin jijjiirramne qabdi jedhan.

Yaa ta’uutii Sudaanii fi Gibtsi dhimmichi gaaddisa gamtaa Afrikaa jalaa baasuun ajandaa idil addunyaa akka ta’uu tattaaffiin taasiisan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan dhimma kana ilaalchisee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xaalayaa barreessuu dubbataniiru.

Itoophiyaan rakkoon Afrikaa furmaata Afrikaa argachuu akka qabu ejjennoo cimaa qabaachuu isheen marichi mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka itti fufu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Adeemsa Sudaanii fi Gibtsi dhimmicha gamtaa Afrikaa jalaa baasuuf taasiisaa jiran Itoophiyaan goonkuma hin fudhattu jedhan.Waldhabdee daangaa Itiyoo – Sudaan ilaalchisee Itoophiyaan karaa nagaan akka furmaata argatu dursa laachuun hojjechaa jiraachuu dubataniiru.

Sudaan loltoota Ityoophiyaa 61 erga uggurtee gadi lakkifte jechuun odeeffannoon tibbana tatamsa’aa ture odeeffannoo sobaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan rakkoo daangaa biyyoota lamaanii karaa nagaan furuu filannoo taasiisuun tattaaffii taasiiftu itti fufti jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015