Naannichatti Filannoo bara kanaa nagaa fi demookiratawwaa ta'ee akka xumuramuuf hojiin nageenyaa hojjetamera - Pirezidantii naannoo Sidaamaa

50

Finfinnee, Ebla, 13/2013(TOI)-Pireezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo filannichi nagaa qabeessa, demokiraatawwaa fi haqa qabeessa akka tahuu haalli nageenyaa mijachuu ibsaniiru.

Manni maree naannoo Sidaamaa yaa'ii idilee isaa 5ffaa marsaa 2ffaa kaleessa irraa jalqabee geggeessa jira.

Pirezidaantiin naannicha akka jedhanitti baatiwwan salgan darbanitti naannichatti hojii gama siyaasaa, dinaagdee fi hawwasummaan hojjetamaniin mika'inni guddaan argamera.

Hojii nageenya naannichatti hojjetamanii haalli gaariin waan umameef Filannoo marsaa 6ffaa geggeeffamuu kara nagaa fi dimookiratawwaa akka xumuramuuf haalli mijaa'ee jirachuu himaniru.

Wayita ammaa buufataleen filannoo banaa tahuun filattoonni bilisaan galmee rawwachaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015