Manni marichaa riifoormii dhaabbatummaa gaggeessaa jira - Mana maree Federeeshinii

77

Finfinnee, Eebila 13/2013 (TOI) – Manni Maree Federeeshinii ergama heera mootummaa ga’umsaan ba’uuf jijjiirrama dhaabbatummaa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Qorannoo Riifoormii dhaabbatummaa gaggeeffamaa jiru cimsee haala ittii hojjechaa jiru ilaalchisee Afayaa'i mana maree naannoolee fi qooda fudhattoota biroo waliin marii gaggeessaa jira.

Af Yaa’iin mana marichaa obbo Adam Faraahi akka sirna kanarratti dubbatanitti Manni Maree Federeeshiniichaa egaama fi kayyoo qabatee galmaan gahuu qorannowwaan riifoormii dhaabbatumma geggeessaa jira.

Qorannoowwan kunis dhimmoota 4 gurguddoo irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'uu qorannichaas kan geggeesse Yunivarsiitii Finfinneeti jedhanQorannoon Riifoormichas tokkummaa fi waliigaltee biyyaalessaa, nageenya amansiisaa ijaaruu, oodinsa qabeenyaa haqa qabeessa ta'ee fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu irrattidha jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015