Magaalichatti baatiwwan 9'n darbanitti eeyyama konkolaataa fi konkolaachisaarraa galiin birrii biiliyoonni 1.2 ol argame

59

Finfinnee, Eebila 12/2013 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti baatiwwan 9'n darbanitti eeyyama haaroomsa konkolaataa fi konkolaachisaarraa galiin Birriin biiliyoonni 1.2 ol argamuu Abbaan Taayitaa To’annoo fi eeyyama konkolaataa fi konkolaachisaa magaalichaa beeksiseera.

Baatiwwan salgan darbanitti tajaajila Boolloo, haaromsa eeyyamaa fi eeyyama haaraa laachuun galiin Birrii biiliyoonni 1.2 ol walitti qabamuu Hojii gaggeessaa olaanaan Abbaa Taayitaa To’annoo konkolaataa fi konkolaachisaa magaalaa Finfinnee obbo Addaam Nuuriin ibsaniiru.

Baatiwwan 9n darban keessaa eeyyamni konkolaachisummaa haaraan kumni 43 fi tajaajilli Boolloo kumni dhibbi 2 fi kumni 63 laatamuu ibsaniiru.

Tajaajila laatamurraa Birrii biiliyoona 1.19 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 29 walitti qabamuu ibsaniiru.

Adabbii Tiraafikaarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 52 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 82 akkasumas tajaajila Paarkiinngirraa Birrii biiliyoonni 1.8 walitti qabamuu Itti aanaan Daayreektara hoggansa Tiraafikaa magaalaa Finfinnee Injiinar Birihaanuu Girmaan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015