Appilikeeshiniin kaffaltii adabbii tiraafikaa karaa bilbila Moobayliin raawwatamuun danda’amu ifoome - ENA Afaan Oromoo
Appilikeeshiniin kaffaltii adabbii tiraafikaa karaa bilbila Moobayliin raawwatamuun danda’amu ifoome
95
Finfinnee, Eebla 12/2013 (TOI)- Ejansiin Hooggansa Tiraafikaa Finfinnee Appilikeeshiniin kaffaltii adabbii tiraafikaa karaa bilbila Moobayilaa raawwatamuun danda’amu ifoomse.
Applikeeshinii tajaajila si’ataa laachuuf kan gargaaru tahuu Daayreekatarri Olaanaa Ejansichaa Injiinar Jireenyaa Hirphaa himaniiru.
Konkolaachisaan danbii tiraafikaa darbe adabbii isaa bakka jiru taa’ee kaffaluu danda’a jedhameera.
Kaffalticha Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi baankoota dhuunfaa tajaajila E-Birrii laataniin rawwachuun ni danda’ama.