Ijaarsa Yunivarsiitii Paan Afriikaaf lafti heektaarri 114 kenname

51

Aksum Bitootessa 4/2011 Ijaarsa Yunivarsiitii Paan Afriikaaf lafti heektaarri 114 kennamuusaa bulchiinsi magaalaa Aksum beeksise.

Ijaarsa Yunivarsiitichaa jalqabsiisuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsameera.

Itti aanaan Kantiibaa magaalichaa obbo Zesillaasee Zabra’abiruuk tajaajila oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, bulchiinsichi lafa ijaarsa yunivarsiitichaaf oolu kennameera.

Kanaanis qonnaan bultoonni naannawa kanaa 131qabiyyeesaaniirraa ka’aniiru.

Qonnaan bultoota qabiyyeesaaniirraa ka’aniif kafaltii beenyaa raawwachuuf birriin miiliyoona 15 ramadamuusaa beeksisaniiru.

Qindeessaan koree ijaarsa Yunivarsiitichaa obbo Bitawu Balaayi gamasaaniitiin,ijaarsa yunivarsiitichaa jalqabsiisuuf mootummoota federaalaa fi Tigraayi irraa birriin miiliyoona 450 ramadameera.

Kana keessaas mootummaan naannoo Tigraayi birrii miiliyoona 250 kennuuf waadaa galeera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhihoo kana birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015