Nageenya biyya keenyaaf waliin hojjechuu nu barbaachisa - badhaafamtoota badhaasa Nageenyaa fi tokkummaa

75

Finfinnee,Ebla 11/2013 (TOI) - Nageenya waraawaa fi ittifufiinsa qabuu Itoophiyaatti fiduuf waliin hojjechuu nu barbaachisa jedhan badhaafamtoonni Gooho bara 2013.

Yeroo jalqabaaf kennuu kan jalqabe badhaasni tokkumaafi nageenyaa Gooho namoota Itoophiyaatti nagaafi tokkummaa uumu keessatti gahee isaanii bahaan 12 badhaasera.Namoonni badhaasicha fudhatanis naannoolee hundaa fi bulchiinsa magaaloota lamaanirra akka ta'ee himameera.

Badhaafamtonnis kanaan dura kanneen nageenya irratti baay'ee hojjetaan kanneen barsiisaan fi fakkeenya kan ta'anidha jedhamera.

Sirna kanarratti kan argaman Minsteerri Innoveeshiniifi Tekinoolojii dooktar Abiraaham Balaay nageenya buusuuf carraaqqiin namoota dhuufa muraasni qofti gahaa miti.

Itoophiyaa nagaa taasisuf akka ummataatti waa'ee nageenya irratti hojjechu qabna jedhaniru.

Hojiigeggeessan qopheessaa sirna badhaasa kana 'Isti afarkaan Intigiretiid Organizeer' obbo Mootii Morodaa akka jedhanitti Akkuma bishaanii fi Qilleensa nageenyii dhala namaaf waan barbaachisadha jedhaniru.

Badhaasa kana Naannoo Tigiraay irraa Dooktar Abiraaham Balaay, naannoo Oromiyaa irraa Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu, Naannoo Affaar irraa Mahaamad Wayee, naannoo Amaaraa irraa Faantaa Caannee, naannoo Beenishaangul gumuuz irra Obbo Yaadasaa Dhaabii fudhataniru.

Bulchiisa magaalaa Finfinnee irraa Mufitii hajii umaar fi bulchinsa magaalaa Dirreedawaa irraa immoo hoji Kadir Abbaas fudhataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015