Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimee itti fufaa – Ministeera Nageenya

63

Finfinnee, Eebila 11/2013 (TOI) – Kutaalee biyyattii garaagaraatti rakkoo nageenyaa muudataa jiruun lubbuun lammiilee nagaa wareegamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksiseera.

Kutaalee biyyattii garaagaraatti haleellaa lammiilee nagaarratti xiyyeeffateen lubbuun namoota darbuu fi qabeenyi barbadaa’uu ministeerichi ibseera.

Humnoonni farreen nageenyaa keessaa fi alaa ummataa fi ummata walitti buusuun tokkummaa biyyaa diiguuf socho’aa jiraachuu himeera.Hawaasni haala kana hubachuun qaamolee nageenyaa waliin ta’uun rakkoolee muudatan furuuf hirmaannaa barbaachisu akka taasiisan Ministeerichi gaafateera.

Mootummaan rakkoolee muudatan furuuf qaamolee shira xaxaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eereera.

Haleellaa raawwateen kanneen maatii, firrootaanii fi michuu isaanii dhabaniif jajjabina hawweera.

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan qaamolee badii raawwatan kanneen seeratti dhiyeessuuf halkanii guyyaa hojjetaa jiraachuu ibseera.

Yakka suukkaneessaa lammiilee nagaarratti raawwatame ilaalchisee hojiin qorannoo gaggeeffamaa akka jiru Ministeerichi ibseera.Hojiileen olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimee kan itti fufu ta’uu Ministeerichi Fuula Feesbuukii isaan ibsa laateen himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015